LibreOffice 7.1 Help
Automatically formats the file according to the options that you set under Tools - AutoCorrect - AutoCorrect Options.
Yammuu dhangeessaa ofumaa fayyadamtuu, seeroota kanaan gadiitu fayada:
Keewwata tokko akka mataduree tokkootti dhangeessa, yoo haalii kanaan gadii yoo mikaa'e:
Keewwatii qubee guguddaan eegala
Keewwatii mallattoo buufattoon hinxumuramu
Keewwata duwwaa irra fi jala keewwatichatti
Tarree raasaaseefame tokko uumuudhaaf, jalqaba keewwatatti iddoo tokkoon yk caancala walitti aananii, murfi (-) tokko, urjii (*), yk mallattoo idaatii (+) barreessii.
Tarree lakkoofsifame tokko uumuudhaaf, jalqaba keewwatatti iddoo tokkoon yk caancala walitti aananii, lakkoofsa tokko isa tuqaa duraan dhufu barreessi.
Lakkaawwiin ofumaa, akkaata keewwataa Durtii, Qaama barruu yk Galumsa qaama barruun, keewwatoota dhangeefaman qofaaf fayyada.
Sarara irratti murfiwwan (---), murgadii (___) yk mallattoo qixxee (===) sadii yk sadii ol tahu yoo barreessiite galchii dhiibde, keewwatichi sarara surdalaa hamma guutuu fuulichaatiin bakka buu'a. Sararichi dhuguuman handaara jalaa kan keewwata duuraniiti. Seera kanaan gadii fayyadami:
Murfiwwanii sadii (-) sarara baaqqee horata (0.05 yabbina qabxxii, addaan fageenya 0.75 mm).
Murgadii sadii (_) sarara baaqqee horata (0.05 yabbina qabxxii, addaan fageenya 0.75 mm).
Mallattoo qixxee sadii (=) sarara baaqqee horata (0.05 yabbina qabxxii, addaan fageenya 0.75 mm).